Wixinee Tarsiimoo Qindaa’aa Dandamannaa Hongee Naannoo Oromiyaa qophaa’e irratti mari’atame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) –Wixinee Tarsiimoo Qindaa’aa Dandamannaa Hongee Naannoo Oromiyaa Qindeessummaa Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatiin dhiyaate irratti hayyootaa fi qaama dhimmi ilaallatu waliin magaalaa Adaamaatti mari’atameera.

Rakkoo hongee irra deddeebi’ee mul’atu qorannoon furuuf Wixinee dhiyaate gabbisuun murteessaa ta’uu Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaan eeraniiru.

Hongee yeroo addaa addaatti Hawaasa qoru furuuf qorannoon adda baasuun irratti hojjetamuu akka qabu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezedaantii itti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Obbo Abduramaan Abdallaan ibsaniiru.

Dandamannaa hongeef waktii kamuu hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hongee Waggaa waggaan mul’atu furuuf dursinee qorattoota Qonnaa waliin hojjechuun murteessaa ta’uus kaasuu OBNn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment