Wixinee labsii fandii misooma qabeenya bishaanii naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’erratti mari’atame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Wixinee labsii fandii misooma qabeenya bishaanii naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’erratti qooda fudhattoota waliin mari’atameera.
Waltajjiicharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo argamaniiru.
Aadde Loomiin barbaachisummaa waltajjichaa ilaalchisee hojiiwwan gurguddoo Caffeen Oromiyaa hojjetu keessaa seerota qulqullina qaban baasuun fayyadamummaa fi hirmaannaa ummataa cimsuu akka ta’e ibsaniiru.
Seeronni caffeen baasu qulqullina isaanii eeggatanii akka bahaniifi fayyadamummaa hawaasa akka mirkanaa’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Aadde Loomiin wixineen labsii qophaa’u tokko yaa’ii caffeef dhiyaatee osoo hin ragga’iin dura qooda fudhattoota dhimmi ilaaluu waliin mari’achuun galteewwan wixinicha gabbisuuf danda’an walitti qabuun tooftaa isa tokkodha jedhaniiru.
Wixineen Labsii qophaa’e kun hanqinoota kanaan dura turan kan furuufi yeroo dheeraaf ummata tajaajiluu kan danda’u akka ta’e ibsaniiru.
Waltajjirratti hooggansi olaanaa sadarkaa naannoo dabalatee, ogeessota seeraa, tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangala’oo magaalotaa fi aanaalee muraasa hirmaataniiru.
Waltajjichi magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu ragaan Caffee Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment