Wixinee danbii tajaajila bishaan dhugaatii fi qorannoo fandii bishaanii Oromiyaa irratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Wixinee danbii tajaajila bishaan dhugaatii fi qorannoo fandii bishaanii Oromiyaa irratti Adaamaatti mari’atamaa jira.
Waltajjii marichaa kan qopheesse Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaati.
Marii kanarrattis sadarkaa itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee, hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya, Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa dabalatee qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu hirmaachaa jiru.
Waltajjichaan labsii kanaan dura Caffee Oromiyaatin ragga’eef danbii raawwachiisummaa irratti kan mari’atamu ta’a jedhameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment