Wiirtuun humna lola addaa raayyaa ittisa biyyaa leenjitoota leenjisaa ture eebbisiisaa jira

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC)- Wiirtuun humna lola addaa raayyaa ittisa biyyaa marsaa 33ffaaf Komaandoon leenjisee fi akkasumas leenjiitoota humna addaa fi farra Shororkaa marsaa 10ffaaf eebbisiisa jira.

Sirna eebbichaarratti Itti aanaan Eetaamaajoor Jeneraal Birhaanu Juula dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Eetaamaajoor Janaraal Birhaanuun, raayyan ittisa biyya keenya diinoota biyya keessaafi alaa qolachuuf dandeetti qaba jedhaniiru.

Eebbifamtoonnis agarsiisa adda addaa agarsiisu isaanii ragaan Ministeera Rayyaa Ittisaa Biyyaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment