Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Wiirtuun Daataa Poolisii Federaalaa Birrii miiliyoona 10 oliin ijaarame eebbisiifamuu ibsame.
Dhaabbatichi dandeettii teekinooloojii isaa sadakaa olaanaan ijaaruun kaayyoo barbaadamuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsaniiru.
Dhaabbatichi hojii yakka ittisuufi qorachuu akkasumas bulchiinsa humna namaa teekinooloojiin deeggaruuf tattaaffii taasisu milkeessuufi ammayyeessuuf wiirtuun daataa kun faayidaa olaanaa qabaachuu ibsuusaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
Ogeeyyii Ityoo-Telekoomiifi Qajeelcha Babal’ina Teekinooloojii Poolisii Federaalaa ijaarsa wiirtuchaaf deeggarsa olaanaa taasisan galateeffataniiru.
Qajeelcha Babal’ina Teekinooloojii Poolisii Federaalaatti Hogganaan Kutaa Nageenya Saayibariifi Neetwoorkii Ittaanaan Inispeektaraa Yidnaqaachawu Ijaaraan gamasaaniin, wiirtuun daataa kun ragaalee dhaabbatichaa bakka tokkotti walitti qabuun kuusuun kan tajaajilu ta’uu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.