Wiirtuun amala sirreessaa daa’immanii eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Wiirtuun  amala sirreessa  daa’immaniifi guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’ee dhimmoota yakkaa keessa galanii magaalaa Finfinneetti eebbifame.

Wiirtichi baasii Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 oliin ijaaramuun guyyaa har’aa eebbifameera.

Saganticharratti Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen argamaniiru.

Wiirtiin Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii magaalichaan hoogganamu kun waggoottan 70 dura bara 1936 hundeeffamuu yaadachiifameera.

Wiirtichi sadarkaa isaa kan eeggate waan hin turreefi waggoota hedduu waan lakkoofsiseef bifa haaraan ijaaruun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Dhaabbatichi kanaan dura sirreeffamtoota 150 qofaa keessummeessaa kan ture yoo ta’u yeroo ammaa sirreeffamtoota 700 ol keessummeessuu ni danda’a jedhameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment