Wiiliyaam Ruutoon Wixineen Faayinaansii mormiin mudate hojiirra hin oolu jedhan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo wixineen Faayinaansii paarlaamaan biyyattii sagalee caalmaan raggaasise mormiin mudachuu isaan hojiirra kan hin oolle ta’uu mirkaneessan.

Wiiliyaam Ruutoo wixinee daballii gibiraa ‘Finance Bill’ manni maree sagalee caalmaan dabarse hin mallatteessu jedhan.

Wixinee faayinaansii Wiiliyaam Ruutoo ofumaan qopheesse mormii guddaan mudateera.

Dhaloota haaraa Keeniyaa ‘Gen Z’ mormii faayinaansii kana adda durummaan gaggeessaniiru.

Waxabajji 25 bara 2024 guutummaa Keeniyaatti mormii waamameen magaalaa Naayiroobii keessatti qofa namootni jaha poolisiin ajjeefamuu gabaafameera.

Hiriirtotni paarlaamaa biyyattiitti abidda qabsiisuun gar tokkeen yoo gubatu meeshaaleen keessa turan caccabuun manca’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment