Weerarri vaayrasii koroonaan yoo hir’ate adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaan yoo hir’ate adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
 
Weerarri dhibee vaayrasii koroonaa yoo hir’ate barnoota addaan citee ture kallattii mootummaan kaa’uun barnoota eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Itti aanaa hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Baayyisaa akka jedhanitti; weerarri vaayrasii koroonaa mudachuun walqabatee weeraricha to’achuuf Bitooteessa 7, 2012 irraa eegalee barnoonni akka adda citu ta’eera jedhan.
 
Akka Oromiyaattis weerara vaayrasii koroonaa dura baratoonni miiliyoona 10.6 barnoota irra kan turan ta’uu ibsaniiru.
Biiroon Barnoota Oromiyaa erga barnoonni akka dhaabbatu taasifamee booda baratoonni barnoota isaanii irraa akka hin fagaanne hojiilee garaagaraa hojjetaa tureera jedhan.
 
Barattoonni mana isaanii ta’aanii akka baratan waan danda’amu hundaan hojjetamuu isaa ibsaniiru.
 
Weerarri dhibichaa hir’achuu isaa qaama dhimmi ilaallatuun erga mirkanaa’ee booda, iddoo barnoonni dhaabbatee eegaluun guyyoota 45f barnoonni addaan citee ture kennamuun baratoonni hunduu kutaa itti aanuutti ni darbus jedhaniiru.
 
Barattoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaa ammoo erga guyyoota 45 baratanii booda qormaata kan fudhatan ta’uus eeraniiru.
 
Biiroon Barnoota Oromiyaa tatamsa’ina dhibichaa to’achuuf hirmaannaa hawaasaan manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keesatti dareewwan dabalataa kuma 30 ijaarsisuus himaniiru.
 
Dabalataan Oromiyaa keessatti bara kana manneen barnoota sadarkaa Lammaffaa haaraan 84 fi Manneen Bultii addaa kan barattoota cicimoo simatanii barsiisan 7 ni ijaaramu jedhaniiru.
 
Akka OBNn gabaaseetti bara barnootaa dhufu kanatti yoo weerarri dhibichaa hir’achuu baate daree dabalataa ijaaruun baayy’ina barattoota daree tokko keessatti baratanii hir’isuun, barattoonni haguuggii fuulaa fi saaniitaayzarii fayyadaman kallattii mootummaan kennuun barnoota eegalchiisuuf qophiin xumuramuu obbo Girmaan ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment