Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC)- Weerarri vaayrasii koroonaa sadaffaan Ityoophiyaatti muul’achuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Ityoophiyaatti torbee darbe weerara vaayrasii koroonaatin namoonni kumni 5 fi 547 qabamaniiru.
Guyyaa tokkoo keessaatti namoonni 1000 ol vaayrasichaan qabamu kan ibsan Dooktar Liyaan weerarichi kan kanan duraa tureerraa dachaan dabaluu himaniiru.
Yeroo ammas weerarri vaayrasichaa dabaluun kan ibsu weerarri vaayrasichaa sadaffaan Ityoophiyaatti muul’achuu himaniiru.
Of eeggannoo kana dura taasifamuu cimee itti fufuu akka qabu Dooktar Liyaan yaadachiisaniiru.
Qiddist Tsafaayeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.