Weerarri vaayrasii koroonaa Hindi Keeniyaatti muul’ate

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) –Keeniyaatti namoota 5 irratti vaayrasii koroonaa Hindi muul’achuu dhaga’ameera.

Ministeerri Fayyaa Keeniyaa akka ibsetti vaayrasichi saamudaa namootaarra fudhatameen beekameera.

Qorannichis balaallii gara Hinditti taasifamuu osoo  hin ittifamin dura ta’uus ibsameera.

Namoonni shanaan vaayrasiin koroonaa irratti argamee kutaa lixaa  biyyattitti kan argamuu warshaa xaa’oo keessaa kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Kanaafis Keeniyaan amma Uugaandaatti aantee weerara vaayrasii koroonaa Hindi biyya itti muul’atee keessaa ishee 2ffaa taateetti.

Hindi yeroo amma kana addunyaarratti haala olaanaa vaayrasichaan rakkoo hamaa keessaa kan galteetti.

Biyyattitti guyyatti namoonni kumaatamaatti lakka’aamaan vaayrasichaan yoo qabaman, kumaatamniis lubbuusaanii dhaba jiru.

Keeniyaan weerara vaayrasichaaf torbee lama dura balaallii gara Hinditti taasifamuu yeroof ittisuun ishee ni yaadatama.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment