Weerarri vaayrasii koroonaa haala yaaddessaa ta’een faca’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa haala yaaddessaa ta’een faca’aa waan jiruuf of eeggannoon taasiifamuu akka qabu ibsame.

Ministeerri Fayyaa ittisaa fi hordoffii weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee hoggantoota, walitti qabaa fi miseensota koree dhaabbii Misooma Fayyaa hawaasaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waliin magaalaa Bishooftuutti mari’ateera.

Dagannaa yeroo ammaa jiruun weerarri vaayrasii koroonaa haala yaaddessaa ta’een babal’achaa jiraachuu fi yeroo yeroon amala isaa jijjiiruun dhiibbaa hawaasummaa fi diinagdee qaqqabsiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Sababa kanaan hawaasni nuffii malee maloota ittisaa idilee fi talaallii sirnaan fudhachuu akka qaban eeraniiru.

Hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Miseensonnii Mana Maree hojii sosochii fi hubannoo hawaasaa cimsuurratti hojjechuu akka qaban Dooktar Liyaan dubbataniiru.

Marichatti kan argaman itti aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon Ministeerichi qooda fudhattoota waliin hojii jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Weerarichi dhiibbaa hawaasummaa, diinagdee fi xinsammuu hamaa osoo hin qaqqabsiisiin ittisuu fi to’achuuf tumsaan hojjetamuu akka qabu hubachiisuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment