Weerarri vaayrasii koroonaa dhimma siyyaasaa ta’uu hin qabu – Dhaabbata Fayyaa addunyaa

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – weerarri vaayrasii koroonaa dhimma siyyaasaa ta’uu akka hin qabne Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksisse.

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom qeeqni preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Chaayinaaf looguun hojjechaa jira jedhu sirrii akka hin taane dubbataniiru.

Dooktar Teediroos weerara vaayrasii koroonaa dhimma siyyaasaa taasisuun hin fayyadu jedhan.

Duulli Traampis fudhatama kan hin qabne ta’uu eeraniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gosaa fi bifaan osoo hin qoodiin ummata addunyaa hundi qixa tajaajilaa jira jedhan.

Yeroo ammaatti qaamni hundi tokko ta’uun weerara kana qolachuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Dooktar Teediroos ibsaniiru.

Duula mootummaan Ameerikaa dhaabbaticharratti bane Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun mormaa kan jiran yoo ta’uu, dhaabbaticha cinaa kan dhaabbatan ta’uus ibsaa jiru.

Maddi :-BBC

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment