Weerarri vaayrasii koroonaa akka hin babal’anne tattaaffii godhamutti dagannaan gufuu ta’uu hin qabu –MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa biyyaattii akka hin babal’anne tattaaffii godhamutti dagannaan gufuu ta’uu hin qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Biyyoonni addunyaa dhibee kanaan daraan miidhaman tasgabbaa’aa kan jiran yoo ta’u, Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun ammayyuu sadarkaa jalqabaa irratti argamu jedhan.
 
Vaayrasichi iddoo tokko kokkotti to’annoo jala waan oole fakkaatuttis amala jijjiirratee irra deebiin ka’uu akka danda’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Vayrasichi beeksiseera.
 
Vaayrasichi yeroo dheeraa nu waliin turuu akka danda’u dhaabbatichi hubachiisera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Kanaafuu dagannaa malee tarkaanfii of eeggannoo tatamsa’ina isaa ittisuuf barbaachisan cimsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment