Weerarri vaayrasii iboolaa hamaan Ugaandaatti ka’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)-  Weerarri vaayrasii iboolaa hamaan Ugaandaatti ka’uu Ministeerri Eegumsa Fayyaa biyyattii beeksise.

Weerara vaayirasichaan kibxata darbe luvbbuun dargaggoo umrii 24 darbuufi biyyattiin weerara vaayirasichaan du’aatii jalqabaa galmeessisuu ibsameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibsa baaseen,  weerarri iboolaa kanaan dura Ugaandaatti mul’atee hin beekne lubbuu dargaggoo umriin isaa 24 ta’e galaafachuu eerameera.

Naannawichatti lubbuun namoota biroo 6 darbuu qorannoon garee kenna deebii hatattamaa biyyattii ibseera.

Lubbuun namoota kanneenii kan darbe vaayirasii kanaan ta’uu akka hin oolle ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akeekeera.

Namoonni vaayirasichaan shakkaman biroo 8 hordoffii yaala fayyaa taasisaa jiraachuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment