Weerarri vaayrasi koroonaa dhiyeessi midhaan nyaataa irratti dhiibbaa akka hin uumneef xiyyeeffannoon hojjechaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasi koroonaa dhiyeessi midhaan nyaataa irratti dhiibbaa akka hin uumneef xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministeera Qonnaa beeksise.

Ministeerri Qonnaa ibsa guyyaa har’aa lateen, qaamoleen qonnarratti bobba’an marti vaayrasicha ittisuun cinaatti itti gaafatamummaa dachaa akka ba’ataniif waamicha dhiyeeseera.

Ministirri Ministeera Qonnaa  obbo Umar Huseen weerarri vaayrasii koroonaa fi awwaanisaa gammoojjii oomishaa fi oomishtummaarratti sodaa cimaa uumuu kaasaniiru.

Miidhaa weerarichi qaqqabsiisuu danda’u adda baasuun sababa vaayrasichaan miidhaa ga’uu danda’u hir’isuuf hojjechaa jiraachuu obbo Umar ibsaniiru.

Sababa vaayrasii koroonaan dhiyeessi misooma jallisii marsaa 2ffaa fi Arfaasaaf barbaachisu, weerara ittisa awwaanisaa akkasumaas hanqina oomishaan qamadii alaa galanirratti rakkinni jiraachuu kaasaniiru.

Obbo Umar rakkina kana furuuf hojjettoota buufata misoomaa kuma 69 ogeessoota fayyaa waliin ta’uun qonnaa fi horsiisee bultootaaf hojii hubannoo uumuu fi ittisuurratti bobba’aniiru jedhaniiru.

Miidhaan awwaanisa gammoojjiin qaqqabe qorannoo marsaa jalqabaa ta’een lafa heektaraa kuma dhibba 2 irra miidhaan kan qaqqabe yoo ta’u, oomisha kuntaalaa miiliyoona 3.6 dhabsiisu ibsaniiru.

Zufaan Kaasahuunii fi Misikkir Sinaafiqtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment