- Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Weerarri Hoomaa awwaannisa Gammoojjii naannollee Afaarii fi Tigraayitti mudate yeroon yoo hin to’atamne miidhaa qaqqabsiisuu akka malu naannoleen kunneen ibsan.
Hoggantoonni naannolee kanneenii turtii Faanaa Biroodkaasting Korporeet waliin taasisaniin weerarri hoomaa awwaannisaa kun misooma Qonnaarratti miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu akka danda’u sodaa qabaachuu ibsaniiru.
Weerarichi Godina Baha Tigraayitti bal’inaan mudachuu Daayrektarri Qonna fi Eeggumsa Biqiltuu Biiroo Qonnaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Mabrahaatoom Gabra Kidaan ibsaniiru.
Naannoo Afaarittis godinaalee 4 keessatti weerarri hoomaa Awwaannisaa mudachuu itti aanaa hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Ibraahiim Usumaan ibsaniiru.
Salamoon Yittaayetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.