Weerarri COVID -19 Raashiyaatti cimaa dhufuu himame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Yeroo biyyoonni addunyaa hedduun Weerara vaayrasii koroonaarraa dandamachaa dhufanitti Raashiyaatti ammoo hammaataa jiraachuu himame.
 
Raashiyaatti guyyaa har’aa qofa namoonni kumni 9 fi 623 vaayrasii koroonaan qabamaniiru jedhame.
 
Preezdaantiin biyyattii Viiladmiir Puutiin hanga bara Faranjootaa Caamsaa 11, 2020tti sochiin akka daangeffamu ajaje dabarsaniiru jedhame.
 
Kaantiibaan magaalaa Mooskoo Sargee Saabiyaan namoonni dhibichaan qabaman dabalaa dhufuu fi kanneen wallaansa hordoffii cimaa barbaadaan baayyachaa jiraachuu himaniiru.
 
 
Raashiyaatti Muummee Ministiraa, itti aanaa Muummee Ministiraa biyyattii dabalatee aanga’oonni olaanoon biroos dhibee kanaan qabamuu isaanii himameera.
 
Akka Dhaabbanni Tajaajila Oduu biyyattii gabaaseetti Raashiyaatti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 24 ol vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni kumni 1 fi 222 du’aniiru.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman keessaa % 64 jiraattoota magaalaa Mooskoo fi naannawaa isheeti jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment