Weerarri awwaannisaa aanolee godina Jimmaa 7 keessatti muul’ate

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Hoomaan awwaannisaa aanolee godina Jimmaa 7 keessatti muul’ate.

Akka waajjirri Misooma Bunaa, Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa ibsetti hoomaan awwaannisaa kun jalqaba aanaa Shabee Somboo gandoota 3tti muula’te.

Haata’uutii, guyyaa kaleessaarraa eegalee aanaa Geeraatti gandoota 5 waliin gahuu isaa itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Eeliyaas Indiriyaas Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Aanolee laman kanaan alatti aanolee 5; aanaa Sokorruu, Saqqaa Coqorsaa, Sigmoo. Botor Xoollaayii fi Cooraa Botoritti mula’chuu isaa obbo Eeliyaas kan himan.

Weerarrii hoomaa awwaannisaa kun aanaalee godina Jimmaa naannoo kibbaa fi kibba lixaa Shawaa waliin wal daangeffatan irratti muula’chuu isaa obbo Eliyaas dubbataniiru.

Yeroo ammaa hojiin to’annaa fi hubannoo uumuu duulan gaggeeffamaa jiraachuu eeruun hawaasni gamtaadhan miidhaa hoomaan awwaannisaa geessisu baraaruuf ga’eesaanii akka bahan dhaamaniiru.

Tamasgeen Aallabbachawtu FM Faanaa Jimmaarra gabaase.

Comments (0)
Add Comment