Weerara Vaayrasii koroonaa ittisuuf naannoo daangaatti to’annoo cimaan godhameera – obbo Musxaafee Mahaamad

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC ) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf naannoo daangaatti to’annoo cimaan taasifamuu itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaamad ibsaniiru.
 
Horsiisee bultoonni naannoo daangaa jiran biyyoota ollaa waliin wal keessa waan socho’aniif haalli naannoo sanaa qormaata guddaa kan ture ta’uu obbo Musxaafeen Faanaa Broodkaasting Koorporeetif himaniiru.
 
Haalli jiru qormaata ta’us naannichi weerara dhibichaa ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Naannichi ammallee weerara kanaaf saaxilamaa ta’uu kan ibsan obbo Musxaafeen,keessattuu haalli biyyoota ollaa naannichaa daangessanii yaaddessaadha jedhan.
 
Tatamsa’ina weerara vaayrasichaa ittisuuf qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin ta’uun hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
 
Hunda caalaa lammiileen daangaa ce’uun dhufan kallattiin gara hawaasatti akka hin makamne xiyyeeffaannoo addaan hojjetamaa jira jedhan obbo Musxaafeen.
 
Haaluma kanaan laammiilee kallattii garaagaraan gara Ityoophiyaa seenuuf jedhan kuma 1 fi 500 tursa dirqii akka galan godhameera jedhan.
 
Dabalataan lammiilee kallattii Dawalee, Toogoo Wucaalee, Boohii fi Mooyaaleen gara naannichaa seenaan to’achuun iddoo tursa dirqii akka turan taasisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Musxaafeen ibsaniiru.
 
Kanaafis iddoon tursa dirqii 15 fi gidduugallii qorannoo 3 qophaa’aa jira jedhan.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuuf Hooteelotaatti, Baankotatti, buufata Xiyyaaraa fi dameewwan tajaajilaa birootti kutaalee hawaasa garaagaraa guyyaa kaleessaa eegalee qorannoon fedhiirratti hundaa’e eegalamuu obbo Musxaafeen himaniiru.
 
Balaay Tasfaayeetiin.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment