Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi xiyyeeffannoo diinagdeef kenname

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi xiyyeeffannoo diinagdeef kenname;
 
1/ Fayyaa hawaasaa eeguuf carraaqqii taasifamu cimsuu,
 
2/Maddoota galii gabbisuu; hojjettoota hir’isuu hambisuu,
 
3/Hawaasni galii xiqqaa qabu akka hin miidhamne; haala jireenyaa mijeessuu, kiraa manaa fi deeggarsa barbaachisaa taasisuu,
 
4/Tumsi arjummaa ittisaaf taasifamu akka itti fufu hojjechuu,
 
5/ Dhaabbilee daldalaa miidhamaniif deeggarsa taasisuu, dhaabbileen oomishaa fi tajaajilaa hojii akka itti fufan jajjabeessuu,
 
Tarkaanfiiwwan fudhataman I
 
1/ Kaffaltoota gibiraa 3099 caalaniif amma dhuma bara gibiraa 2015 kaffaltii gibiraa kuufamaa hambisuu,
 
2/ Bara 2008 -2011tti dhalaa fi fi adabbii, kaffaltoota gibiraatif haquu, %25 guyyoota 30 keessatti, kan hafe %75 ammoo waliigalteen mallatteeffamee waggaa 1 keessatti kaffaluutu irraa eegama.
 
3/ Naannolee fi bulchiinsonni magaalaa dhaabbilee barnootaa fi xixiqqaaf gibira kiraa %30 akka hir’isan taasisuu,
 
4/ Hojjettoonni mindaan kaffalamaafii mana turan baatii 4tti mindeeffamuurraa gibira argamu hanbisuu,
 
5/ Yeroo kaffaltii vaatii fi gibiraa naannawaa dheeressuu,
 
6/Arjummaa weeraricha ittisuuf taasifamuuf gibira hir’isuu,
 
7/ Kisaaraa ceesisuu,
 
8/Buusii sooromaa dhaabbilee dhuunfaa Eebila, Caamsaa fi Waxabajjii amma Hagayya 2012 dheeressuu,
 
9/Deeggarsa liqaa dhaabbilee xixiqqaaf mijeessuu,
 
10/ Dhaabbilee oomisha alatti erganiif tumsa taasisuu,
 
 
Tarkaanfiiwwan fudhataman II
 
1/Of eeggannaa yeroo balaa tasaatif Birrii biiliyoonni 5 ramadameera.
 
2/ Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf galteewwan alaa dhufaniif gibirri hafeera,
 
3/ Tajaajilli deebii taaksii dabalataa akka ariifatu taasisuu,
 
4/ Baankotaaf deeggarsi Birrii biiliyoona 21 taasifameera.
5/Dhaabbilee sharafa alaa argamsiisanii fi meeshaalee ittisaa oomishaniif duursi kennameera.
 
6/ Ammeentaa maallaqa bilbilaan socho’u guddisuu,
 
7/ Hoortiikaalcharii, hoteelaa fi tuuriizimiif yeroon kaffaltii liqaa akka dheereffamu dambii Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa laaffisuu,
 
8/Abaaboo gabaa alaaf ergamurratti tilmaama gatii xiqqaa kaa’ame kaasun fudhatameera.
 
Waajjirri Muummee Ministiraa akka beeksisetti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoon ilaalamanii kan fudhataman ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment