Weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf rakkinoota adeemsa keessatti mudatan furuuf qaamni hunduu tumsuu qabu – obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) –Weerara vaayrasi koroonaa ittisuuf rakkinoota adeemsa keessatti mudatan furuuf qaamni hunduu tumsuu qabu – obbo Dammaqaa Mokonniin

Itti aanaan Muummee Ministira obbo Dammaqaa Mokonniin carraaqqii mootummaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf taasisu jalqabbiin gaarii yoo jiraatellee, rakkinoota adeemsa keessatti mudatan furuuf qaamni hunduu tumsuu qabu hubachiisan.

Itti aanaan Muummee Ministira obbo Dammaqaan kan kan ibsan raawwii labsii yeroo ariifachiisa weerara vaayrasi koroonaa ittisuu fi too’achuuf bahe ilaalchisuun hoggantoota olaanoo naannoo waliin wayita mari’atanidha.

Hawaasni qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuun rakkinoota mudatan furuun of eeggannoo taasisu akka qaban dhaamaniiru.

Hoggantoonni olaanoo naannoolee qindoomina vaayrasicha ittisuuf oolan uumuun qajeelfamoota bahan hojiirra oolchuun carraqqii taasisaa jiraachu isaanii ibsuu ragaan fuula feesbuukii Itti aanaan Muummee Ministira irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment