Weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) –Weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Weerarri hoomaa Awwaannisa sababa jijjiirrama qabeenya qilleensaan Ityoophiyaa keessatti iddoo tokko tokkotti uummamaa jiraachuu Daayreekterri Daayreektooreetii Eeggumsa Biqiltuu obbo Zabdewoos Salaattoon ibsaniiru.

Keessattuu bara kana itti fufiinsaan biyyoota ollaa kanneen akka Soomaaliyaa, Soomaalee Laandii fi Puunti Laand irraa gara Ityoophiyaa seenaa jiraachuu ibsaniiru.

Sababa kanaan naannoo Baha Harargee, Sumaalee, Baalee fi naannoolee birootti weerarri hoomaa Awwaannisaa kuduraa fi muduraa irra miidhaa cimaa osoo hin qaqqabsiisiin hojiin ittisuu hojjetamaa akka jiru obbo Zabdewoos ibsaniiru.

Weerara Awwaannisaa alaa galaa jiru kana iddoolee murteessoo ta’an irratti ogeeyyii fi xiyyaara fayyadamuun hojiin ittisuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Akka EBCsiin gabaaseetti Roobni roobaa jiru wal hormaata hoomaa Awwaannisaaf haala mijataa uumaa waan jiruuf weerarichi itti fufuu danda’a jedhameera.

Comments (0)
Add Comment