Weerara gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti raawwateen qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Weerara gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Afaar aanaalee 4 keessatti raawwateen qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.
Garichi iddoolee to’atee turetti saamicha raawwachuun qabeenyaa mana hojii mootummaa fi nama dhuunfaa hedduu barbadeessuu himameera.
Garichi yeroo ammaa naannichaa guutummaan guutuutti duguuggamee kan ba’e yoo ta’u, saamichaa fi hojii qabeenya barbadeessuu raawwateen hawaasni iddoo irraa buqqa’etti deebi’uuf rakkisaa ta’uu eerameera.
Sochiin ummataa aanaalee Uwwaa, Awuraa fi Yaalloo daraan gadi aanaa ta’uu Jilli Gaazexeessitootaa Faanaa Broodkaasting Korporeet qaaman argamuun daawwannaa taasiiseen hubachuun danda’ameera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment