Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Weerara gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaar godina Kiilbatii Raasutti gaggeesseen lammiileen kumni dhibbi 3 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Waajjirri Qindeessaa Sagantaa Ittisa Balaa fi Wabii Midhaan Nyaataa beeksiise.
Garichi injifatamu marsaa jalqabaa naannoo Amaaraa fi Afaariitti irra ga’e haloo ba’uuf godina Kiilbatii Raasuu naannoo Tigraayiin waldaangessutti jiraattoota aanaalee Abi’aalaa,Koonaabaa, Iriiptii, Maggaallee, Kafiil Dalloo fi Barahaaleerratti haleellaa raawwachuun qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqisuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Mahaammad Huseen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun buufataalee 14 keessa qubatanii jiraniif hojiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Yisimaaw Adaraaw Sa’aadaa Getaachow fi Ibraahiim Muusatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.