Finfinnee,Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Weerara gareen Shororkeessaa ABUT irra deebiin naannoo Afaar godina Kiilbatii Rasuutti gaggeesseen godaantoonni Buufata Barahaallee keessa turan kumni 34 fi 246 buqqa’uu ibsameera.
Haleellaa garichi Mooraa Buufata Baqattootaarratti meeshaalee waraanaa gurguddoon raawwateen Godaantoonni 5 ajjeefamuu fi hedduun ammoo madaa’uu Tajaajilli Godaantootaa fi Godaansaa deebitoota waajjirri Damee Samaraa ibseera.
Weerara gareen ABUT aanaalee Godina Kiilbatii Rasuu 5 irratti gaggeesseen Godaantoota Mooraa Barahaallee keessa qubataniii jiranirra miidhaan namoomaa fi qabeenyaa guddaan ga’uu qindeessaan Waajjirichaa obbo Faasikaa Gaashaw eeraniiru.
Haleellaa garichi Mooraa Baqattootaa kanarratti raawwateen Baqattoonni moorichi keessa qubatanii turan buqqaatiif saaxilamuu fi Buufaticha kuusaa meeshalee waraanaa taasiisuu obbo Faasikaan eeruu DhPI gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.