Weerara garee shororkeessaa ABUT Qolchuun kabaja Ityoophiyaaf ni dhaabbanna – obbo Mulgeetaa Abbabaa

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Garaagarummaa siyaasaa qabaannus Weerara garee shororkeessaa ABUT Qolchuun kabaja fi tokkummaa Ityoophiyaaf kan dhaabbatan ta’uu Walitti qabaan Mana Maree waloo paartilee siyaasaa magaalaa Finfinnee keessa socho’anii obbo Mulgeetaa Abbabaan dubbataniiru.

Obbo Mulgeetaa Abbabaan hiriira magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffamaa jirurratti argamuun haasawa taasiisaniin Ityoophiyaan eenyuyyuu ol, garaagarummaan siyaasaa biyyaa gadi jedhan.

Tattaaffii humnoonni keessaa fi alaa Ityophiyaa diiguuf taasiisan irree gamtoomeen ni fashaleessina jedhan.

Garee shororkeessaa ABUT awwaaluun biyya hunda keenyaa kan taate Ityoophiyaa ni ijaarra jedhan obbo Mulgeetaan.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment