Weerara dhibee Koleeraa aanaalee 110 to’achuun danda’ame – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Weerara dhibee Koleeraa aanaalee 229 keessatti mudatee ture to’achuuf tattaaffii taasiifameen kan aanaalee110 to’achuun danda’amuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Haalawwan balaa fayyaa hawaasaa yeroo ammaa mudataniif deebii kennuu irratti dhaabbilee deeggartootaa waliin mari’atameera.

Weerarri dhibee Koleeraa aanaalee 229 naannole 10 keessatti mudatee ture to’achuuf tattaaffii taasiifameen hanga ammaatti kan aanaalee 110 to’achuun danda’amuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Weerara dhibee Gifiraa aanaalee 94 mudate keessaa kan 17 to’achuun danda’amuus eeraniiru.

Yeroo itti weeraricha guutummaatti to’achuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Comments (0)
Add Comment