Weerara dhibee Gifiraan lubbuu namoota 31 darbe

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Weerara dhibee Gifiraa godinaalee Oromiyaa 11fi bulchiinsoota magalotaatti baatii 6 darban keessaa mudateen lubbuu namoota 31 darbe.

Weerarichi yeroo amma kana godina wallagaa bahaa aana Nuunnu Qumbaatti bifa weeraraan baatii Fulbaanaa irraa eegalee hanga ammaatti gandoota 14 keessatti kan mudhaateera.

Sababa dhibee kanaan lubbuun namaa darbuu Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa aannaa Nuunnuu Qumbaa obbo Makonnin Addunyaa Faanaa Broodkaasting Koorporeetitti himaniiru.

Akka aanichatti hanga yoonaatii namootni 593 dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u,  weererri dhibee kanaa garaa gandoota birootti akka hin dabarreef qaamolee garagaraa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa godina Wallaggaa Bahaa obbo Soonaan Dassaleeny gama isaanitiin,weerarrii dhibee gifiraa kanaan dura aanaa Jimmaa Arjoo fi kiramuu keessatti mudhaaltee ture yeroo to’achuun kan danda’amee ta’uu himanii, dhibee kana to’achuuf akka godinichaatti dhaabbilee deeggersa garaa garaa waliin hojjetamaa jira jedhuniiru.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti qindeessaan garee qorannoo fi qo’annoo fayyaa hawaasaa obboo Birhaanuu Qanaatee weerarri dhibee gifiraa godinalee 11 fi bulchiinsotaa magaalaa keessatti mudhaltee yeroo ta’uu dhibee kanaannis hanga yoonatti namoonni kuma 5 ol irratti akka mul’ate ibsaniiru.

Weeraraa dhukkubichaa ittisuu fi too’achuuf duulaan talaallirratti hojjataa jirra jedhaniiru.

Maangashaa Daargee fi Kennasaa Amanteetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment