Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC)- Weerara dhibee busaa ittisuuf qaamni hunduu akka tumsu Biiroon Fayyaa Oromiyaa waamicha dhiyeesse.
Hoggantuun Biirichaa Pirofeesar Natsaannat Warquu ibsa miidiyaaleef kennaniin tatamsa’inni dhibichaa Godinaalee Oromiyaa 18 fi magaalota 10 keessatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.
Dhiheessiin qorichaa fi meeshaaleen barbaachisoon ummataaf raabsamaa jiraatus gahaa waan hintaaneef, caalmaatti dhibicha to’achuuf Biirichi qaamolee garagaraa waliin qindoominaa hojjechuun tarkaanfilee adda addaa fudhachaa jiraachuu Pirofeesar Natsaannat dubbataniiru.
Hawaasni miiliyoona 39.5 dhibichaaf saaxilamoo ta’u kaasanii, ittisa dhibechaarratti qaamni hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.
Dassaalany Abarraatu gabaase
#Oromia #Ethiopia