Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Weerara dhibee Busaa ittisuuf Agoobbarri miiliyoonni 19.6 raabsamuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.
Bara kana weeraricha ittisuuf Agoobbarri miiliyoonni 19.6 naannooleef raabsamuu Inistiityuutichi ibseera.
Bara darbe Baatii Amajjii eegalee lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii dabalaa dhufuu Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaatti Qindeessaan Deebii Balaa Fayyaa Hawaasaa Obbo Masfin Wasan ibsaniiru.
Bara kana dhibicha ittisuuf sadarkaa biyyaalessaatti Agoobarri raabsamuu kaasaniiru.
Tatamsa’inni dhibichaa Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Uummattootaa Kibbaa fi Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti haalaan dabaluu kaasaniiru.
Dhibichaaf deebii madaalu laachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Ummattoota Kibbaa fi Somaaleetti qorichi farra dhibee Busaa gahaa ta’e raabsamuu Obbo Masfin dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.