Weerara covid 19 ittisuu fi too’achuuf hojiin qindoominaa qaamolee dhimmi ilaallatuu fi waajjiraalee cimee itti fufu akka qabu ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) – Weerara covid 19 ittisuu fi too’achuuf hojiin qindoominaa qaamolee dhimmi ilaallatuu fi waajjiraalee cimee itti fufu akka qabu ibsame.
Hoggantoonni hojii waajjiraalee garagaraa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin weerara covid 19 ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun barbaachisumaa isaarratti mariin gaggeeffameera.
Waltajjicharratti kan argaman Ministirri fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa weerarri vaayrasii koroonaa biyya keenya otuu hin galiinii fi erga galee hojiin qindoominaan ittisuu fi too’chuu hojjetame cimaa akka turee fi kanaanis miidhaan dhibeen kun qaqqabsiidu hir’isuun akka danda’ame ibsaniiru.
Weerara covid 19 ittisuu fi too’achuuf hojiin qindoominaa qaamolee dhimmi ilaallatuu fi waajjiraalee cimee itti fufu akka qabu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment