Weerara ABUT bane injifachuuf damee hundaan qindoominaan hojjetamuu qabna – Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) –Amantaa fi gosaan osoo walin hin qoodin birmadummaa biyyaaf tokkummaan dhaabbachuun qabna jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen.
Obbo Ahimad Shiideen dhimmoota haala waqtaawaarratti hoggantoota Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee waamamtootaa waliin mari’ataniiru.
Hojjettoonni mootummaa hojii idilee isaanii itti gaafatamummaan raawwachuurra darbee, weerara gareen ABUT yeroo 3ffaaf biyyarratti bane injifannoon xumuruuf qooda isaanii ba’uu qabu jedhan.
Lammiileen Ityoophiyaa amantaa fi Sabaan osoo wali hin qoodiin birmadummaa biyyaaf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Weerara ABUT qolachuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qabsoo gaggeeffamu cinaatti milkaa’ina guddina diinagdee waggoottan darban galmaa’e itti fufsiisuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment