Wayita weerara vaayrasii koroonaa weerarri dhibee shiiftoo mudachuu danda’a -DhMG

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Yeroo weerara vaayrasii koroonaa weerarri dhibee Shiiftoo muul’achuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii sodaa qabaachuu beeksise.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan talaalliin tokko tokko harkifachaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.
 
Biyyoota 37 keessatti kan agaman daa’imman miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 17 talaallii osoo hin argatin hafuu isaanii eerrameera.
Yeroo ammaa haalli waliin ga’iinsa talaallii gadi aanaa ta’uu isaatiin daa’imman biyyoota Awrooppaa keessatti argaman weerara shiiftoon miidhamaa jiraachuu dhaabbatichi ifoomseera.
 
Sababa weerara koroonaan biyyoonni 24 talaallii shiiftoo dheereessuuf murteessaniiru jedhame.
 
Dubbii himaan dhaabbatichaa Joo’anaa Ra’aa sababa dhibee kanaan talaalliin idilee daa’immanii adda cituu isaan daa’amman carraan isaan dhibeewwan garaagaraan qabamuu qaban olaanaa ta’aa jira jedhan.
 
Maddi:- BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment