Wayita ayyaanaa balaawwan mudachuu malan ittisuuf qophiin gahaan taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Wayita ayyaanaa balaawwan tasaa mudachuu malan ittisuuf qophiin gahaan taasiifamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa magaalaa Finfinnee beeksiise.

Ayyaana bara haaraa kabajamu sababeeffachuun balaawwan tasaa mudachuu danda’an dursanii ittisuuf hojii bal’aan hojjetamuu Komishinichatti Ogeessii Quunnamtii Ummataa Obbo Nigaatuu Maammoon Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Balaa muudachuu danda’u hir’isuu fi ittisuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu eeraniiru.

Guyyaa boruu eegalee iddoolee filatamanitti hojiin hubannoo cimsuu kan laatamu ta’uu Obbo Nigaatuun dubbataniiru.

Humni namaa fi maashinoonni ittisa balaa ga’aa ta’an qophii ta’uu kaasaniiru.

Komishinichi Poolisii, Humna Elektirikaa fi dhaabbata Bishaanii fi dhangala’aa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni wayita Ayyaana Bara haaraa fi Daamaraa kabajan balaa ibiddaaf of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Karaa Bilbila bilisaa 939 fi lakkoofsa bilbilaa 0111555300 eeruu laachuun kan danda’amu ta’uu eeraniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment