Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC) – Waxabajjiin 14,2013 Ityoophiyaaf seenaa qabeessa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Biyya keenyatti filannoo bilisaa fi diimokraatawaa isa jalqabaa ta’e kanaan kutaaleen hawaasaa hundi sagaleesaanii dhageessisuuf bahaniidha jedhan.
Suuraawwan jechoota kuma dubbatu.
Kun dhimmamuu fi kutannoo uummanni keenya nagaa fi diimookiraasiif qabu agarsiisa jedhaniiru.
Ityoophiyaan kaleessa injifatteetti.
Ityoophiyaan injifannoodhaan itti fufti jechuun Fuula Fees Buukii isaaniin ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.