Watwaannaan garee ABUT yeroo bitachuufi-Pirofeesar Aan Jeeraaldi

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)- Yeroo ammaa watwaannaan dhukaasa dhaabuu shororkeessaa ABUT dhagaa’amu nageenya waaraaf carraa kennuuf utuu hintaanee kufaatii mudateen dandamachuuf ta’uu Pirofeesar Aan Fiitzi Jeeraaldi ibsan.

Akka ibsa Aan Jeeraalditti, humni finiciltootaa yeroo ammaa adeemsa seera qabeessaa kan hinguunne, watwaannaan dhukaasa dhaabuu dhiyeessuu fi waa’ee nageenyaa ibsi baasu humna jiru walitti qabachuun waraana itti aanuuf qophaa’uufi.

Qorattuun Dhimmoota Nageenyaa Idil Addunyaa Kanaadaa Pirofeesar Aan Jeeraaldi akka jettutti garechi oduuwwan burjaajessoo tamsaasuun aaraa galfii yoo argate, ammas bittaa meeshaalee waraanaa raawwachuu fi humna qabu cimsachuun naannolee ollaa weeraruu akka itti fufuudha kan hubachiisan.

Mootummaa daandii diimookiraasiin ummataan filame, nageenya lammiilee naannawaa olaa akkasumas daangaa kabachiisuu fi birmadummaa mirkaneessuuf itti gaafatama isaa bahachuu qaba jedhaniiru.

Fuulduratti gareen fincilaan haleellaa Ityoophiyaarratti raawwachuu yookaan gochi shororkeessummaa isaa kan itti fufu yoo ta’e, mootummaan callisee ilaaluu akka hinqabnee fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf ittigaaftama isaa bahachuu akka qabu FBC waliin turtii taasisaniin ibsaniiru.

Bu’uura seera idil addunyaatiin haalota kam keessatti deeggarsi namoomaa naannawaa midhaman qaqqabuu akka qabu fi kan gochuufis kooriidara waranaarraa walabaa akka barbaachisu Pirofeesar Aan kaasaniiru.

Kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti haalli hawaasa deeggarsa namoomaa barbaachisuu mul’atu, caasaa bulchiinsaa hawaasaa kan to’atee jiru garee finciltootaa waan ta’eef, lammiilee deeggarsi barbaachisuun ga’uuf rakkisaa akka taasisu yaaddoo qaban ibsaniiru.

Seera deeggarsaa namoomaa naannawaa waraanaatti akka hojiirraa ooluuf ba’ee gareen shororkeessa ABUT kan cabsuu fi deeggarsichaas gochaa shororkeessummaa fi humnootaa filateef kan oolchu ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin waraanichi ulaagaa kamiinuu kisaarsaa kan fiduu fi itti fufuu akka hinqabne yaada isaaniin akeekaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa murtee dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee turuu yaadachiisanii, walitti bu’iinsi marsaa 3ffaa eegale akka dhaabbatuuf, gama mootummaa qofaan utuu hintaane gama garee shororkeessaa ABUT’n ibsa kutannoo dhukaasaa dhaabuuf qabu argisiisu ifoomsuu qaba jedhaniiru.

Hawaasni idil addunyaas murtee madaalawaa kennuuf akka gargaarutti, waraanichi, mootummaa biyya birmaduu tokko fi garee fincilaa filannoon injifatamuutti mufatee gidduutti kan gaggeeffamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Wandasan Araggahaanyii fi Alamayyoo Garramuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment