Warshichi baatiiwwan 3 keessatti gara hojiitti akka seenuuf mariin taasifame 

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Warshaan seeraamikii Paarkii Indaastirii Arartii keessatti argamu baatiiwwan 3 keessatti gara hojiitti akka seenuuf mariin taasifame.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa, Ittaanaa Prezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachawu Jambarii fi hoggantoonni warshichaa haala rakkooleen warshicha mudatan furamuun warshichi gara hojiitti galuu danda’urratti mari’ataniiru.

Paarkiin indaastirichaa rakkoo elektirikaa isa mudateen bara darbe baatii caamsaarraa egalee hojii dhaabuu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun dhaabbata Chaayinaan kan hogganamu warshaan seeraamikii paarkii indaastirichaa keessatti argamu hojii erga eegalee booda sababa hanqina humna elektirikaa fi sababoota biroon hojjii dhaabuu eerameera.

Layikuun Alamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment