Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC)- Warshaan zayita nyaata W.A baasii Birrii biiliyoona 5.2 ijaarramee eebbifameera.
Hoji raawwachisaa olaanaan garee bizinaasii W.A fi abbaan warshiicha obbo Warquu Ayitaanaaw, ibsa miidiyaleef laataniin warshichi tajaajila biyya keessaa dabalatee zayita Saliixii gabaa biyya alaaf ni dhiyeessa jedhaniiru.
Magaalaa Dabra Maarqoositti kan ijaarramee warshichi guyyaatti zayita liitira miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 50 oomishuu danda’aa jedhameera.
Warshichi yeroo amma kanaa hojjettootta kuma 1 fi 500 carraa hojii kan uumee yoo ta’uu, humna guutuun wayita hojii eegaluu lakkoofsi hojjeettoota dabaree sadiin hanga kuma 6 ni qaqqaba jedhameera.
Misikkiir Sinaaffiqtu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.