Warshaan Tiraanisfoormerii Birrii miiliyoona 400 ijaarame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 (FBC)- Warshaan Tiraanisfoormerii dhaabbata dhuunfaa Daldala Waliigalaa Daagim Keeneedii jedhamuun  Birrii miiliyoona 400 ijaarame eebbifame.

Warshichi naannoo Amaaraatti godina Shawaa Kaabaa aanaa Caacaatti kan ijaarame yoo ta’u, waggaatti tiraanisfoormariiwwan haaraa 750-1000 oomishuufi tiraanisfoormariiwwan 1500-2000 suphuuf karoorri qabamuu ibsameera.

Warshichi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun sharafa alaa hambisuurratti ga’ee olaanaa qabaachuu eerameera.

Zabiib Taklaayiifi Girmaa Nasiibuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment