Warshaan Sukkaaraa Walqaayit xiyyaaran tumameen ololli haasa’ame soba jedhe Koorporeeshiniin Sukkaaraa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Warshaan Sukkaaraa Walqaayit xiyyaaran tumameen ololli haasa’ame soba jedhe Koorporeeshiniin Sukkaaraa.

Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel ibsi akka waan warshaan sukkaarichaa xiyyaara waraanatiin tumameetti laate sirrii mitis jedheera koorporeeshinichi.

Koorporeeshinchatti itti aanaan hoji raawwachiiisaa damee proojaktii obbo Abrahaam Damiseen turtii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin taasisaniin ijaarsi marsaa lammaffaa proojaktichaa %88, ijaarsi waliigaalaammoo %92 irra qaqqabuu beeksisaniiru.

Ololaan burjaajjii uumuuf haasaan Dooktar Dabratsiyoon taasisaan sirrii mitis jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment