Warshaan Simmintoo Masaboo oomisha gabaaf dhiyeessuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Sababa duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffeen baatiwwan arfan darban hojii dhaabee kan ture Warshaan Simmintoo Masaboo oomisha gabaaf dhiyeessuu eegaluu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.

Warshichi oomisha gabaaf dhiyeessuu eegaluun isaa hanqina dhiyeessii fi daballii gatii muudate furuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti sababa faddaaltoonni seeraan alaa oomisha dhoksaa turaniif gatiin Simmintoo kuntaala 1 birrii 600 ga’ee ture to’annoo fi hordoffii cimaa taasiifameen gara birrii 420tti akka gadi deebi’u taasiifamuu himaniiru.

Ulaa fedhii fi dhiyeessii oomisha simmintoo gidduu jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment