Warshaan Simmiintoo Kiiwuu Zhii Chaayinaa Oomishaa Simmiintoorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC)- Warshaan Simmiintoo Kiiwuu Zhii Chaayinaa Magaalaa Dirre Dhawaatti oomisha Simmiintoorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu beeksise.

Gareen jilaa abbooti qabeenyaa Chaayinaa qondaaltota olaanoo Bulchinsa Magaalaa Dirree Dhawaa waliin bu’uuraalee misoomaa fi hojiilee ashaaraa magariisaa dabalatee filmaatawwan invastimantii mijatoo jiranirratti mari’ataniiru.

Wayita kanattis gareen jilichaa Dirree Dhawaatti oomishtummaa simmintoorratti bobba’uu akka barbaadan ibsuu ragaan kominikeshinii bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Abbootiin qabeenyaa kunneen dameewwan invastimantii kanneen akka ijaarsaa, alumiiniyamii, waraqaa, riil isteetii, geejjiba dabalatee dameewwan biroorrattis kanneen bobba’aniidha.

Magaalichattis filmaatawwan invastimantii geejjiba qilleensaa, baaburaa, buufataa fe’umsa goggogaa, naannawaa daldalaa akkasumas kanneen biroon jiraachuu hordofee abbootiin qabeenyaa alaa dameewwan invastimantii garaagaraarratti bobba’uuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment