Warshaan Sibiilaa ammayya’aan Naqamteetti ijaaramuufi

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti Warshaan Sibiilaa ammayya’aan Naqamteetti ijaaramuuf akka ta’e Gareen Itiyoo-Injiinariingi beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Garee Itiyoo Injiinariingi Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoon, Itiyoophiyaan ‘biloonii’ xixiqqaa illee biyyaa alaarraa galchaa akka jirtu eeranii, adeemsa kana hambisuun fedhii jiru humna ofiin guutuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Bara baajataa 2017tti biyyattiitti warshaan sibiilaa ammayyaa’aan Magaalaa Naqamteetti akka ijaaramu ibsan.

Lixa Itiyoophiyaatti albuudni sibiilaa akka argamuu amanama kan jedhan Ambaasaaddar Suleemaan, yeroo ammaa galteewwan ijaarsaa warshichaa Xaaliyaanirraa bitamee galfamaa akka jiru himaniiru.

Warshichaa ijaaruufis Yuuroo miiliyoona 80tti dhiyaatu akka gaafatu eeruun, ijaarsichas waggaa tokko keessatti xumuruuf karoorfamuu kaasan.

Warshaan ijaaramu kunis waggaatti oomisha Doolaara miiliyoona 90 oomishuu akka danda’uu fi lammiilee hedduuf carraa hojii akka uumu dubbataniiru,

Kunis oomishaalee sibiilaa Turkii, Yuukireenii fi Chaayinaarraa galan hir’isuun oomisha biyya keessaan bakka buusuuf kan gargaaru ta’uu akeekaniiru.

Gama biraatiin, Bishooftuutti kan argamuu Warshaa Sibiilaa waggoota 10 oliif rakkoon mudatee jiru bara baajata kanatti hojiitti galchuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Warshaaleen lameen hojiitti wayita galan oomishaalee alaa galan hir’isuun, adeemsa keessa alatti erguuf karoorfamuus kaasaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment