Warshaan daabboofi daakuu waajjira Giiftii Dureen Magaalaa Aggaarootti ijaarame eebbisiifame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015(FBC)- Warshaan daabboofi daakuu waajjira Giiftii Dureen Magaalaa Aggaarootti ijaarame eebbisiifameera.

Warshichi guyyaatti daabboo kuma 300fi daakuu toonii 42 oomishuu ni danda’a jedhameera.

Warshichi ijaaramee xumuramuuf baatiiwwan torba kan fudhate yoo ta’u, hojiin ijaarsa isaa walta’iinsa garee invastimantii Meedirookifi Hiibeey Piingil Maashinariisiin ta’uu eerameera.

Waajjirri Giiftii Duree magaalota 11 keessatti warshaalee daabboofi daakuu dandeettii oomishuu walfakkaataa qaban ijaarsisuuf garee invastimantii Meedirook waliin waliigaltee erga waliif mallatteesse warshaan magaalaa Aggaarootti eebbifame kun isa jalqabaa ta’uu ibsameera.

Waajjirichi kanaan dura magaalaa Finfinneetti warshaa daabboo guyyaatti daabboo miiliyoona 1 oomishuu danda’u ijaarsisuun eebbisiisuun isaa kan yaadatamudha.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment