Warshaan Daabboo Shaggar ebbifame

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Warshaan Daabboo Shaggar ebbifame.
 
Warshaan Daabboo fi Daakuu Shaggar dhaabbata Hooraayzan Plaanteeshin; Miidrook Ityoophiyaa Teeknooloojii Giruuppin kan ijaarrame yoo ta’u, har’a bakka muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi qondaaltonni mootummaa biroon argamanitti ebbifameera.
 
Sammuu xiyyeeffateen dameewwan hojii hundatti bobba’uun barbaachisaadha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Magaalaan Finfinnee hawwattuu fi miidhagduu akka taatu ni hojjetamas jedhan.
 
Ityoophiyaan karoora qabatte maraa ni milkeessitis jedhaniiru Dooktar Abiy.
 
Warshaan daabboo fi daakuu kun hanqina dhiyeessii daabboo magaalaa Finfinnee furuuf sa’aatidhaan daabboo kuma 80 oomishuu danda’a.
 
Gatii madaalawaadhan kan dhiyaatu ta’as jedhameera.
 
Oomishaa hanga gabaadhan ummata bira qaqqabuttis lammiilee hedduudhaf carraa hojii uuma.
 
Warshaan kun kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittiitti lafa kaaree meetira 41 irratti ijaarrame.
 
Proojaktichaan lammiilee 450 carraan hojii uumameera.
 
Atoobisoonni Anbassaa magaalaa Finfinnee keessatti kanaan dura tajaajila laachaa turanii fi amma dhaabbatan 400 ol raabsummaaf ni oolu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment