Warshaan Aannanii Laamee Diyaarii jedhamu eebbifame

Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti aantuu Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Warshaa Aannanii Laamee Diyaarii jedhamu eebbisiisan.

Warshaan Aannanii Laamee Diyaarii Magaalaa Finfinneetti kan argamu yoo ta’uu aanaan Saamsuun guyyoota 25f tursiisa jedhame.

Warshaan kun sa’aa tokkotti, aannan liitira kuma 10, guyyaatti immoo liitira kuma dhibba 2 fi kuma 40 qabbaneessuun gabaaf dhiheessa jedhameera.

Akka OBN gabaaseetti warshaan Laamee Waldaalee Qonnaan bultoota Naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa naannoo Dabra Birhaaniitti oomisha aannanii irratti hirmaataa jiran qonnaan bultoota kuma16 irraa aannaan kan fudhatu ta’uu Hojii gaggeessaa olaanaan Invastimantii Garee Midrook obbo Jamaal Ahimad himaniru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment