Warshaalee sukkaara 8 caalbaasiif dhiyaatan

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) – Invastaroonni damee oomisha sukkaarratti bobba’uu barbaadan fedhii isaanii dhiyeessuun akka hirmaatan Mootummaan Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Mootummaan Ityoophiyaa damee diinagdee biyyattii guddisuuf seektarri dhuunfaa damee diinagdee biyyattii keessatti akka hirmaatuuf hojiilee riifoormii hojjechaa turuu ibseera.

Haaluma kanaan jijjiramaa hunda galeessaa damee oomisha sukkaaraarratti dhaabbileen oomishtoota akka hirmaatan taasisuuf, guddina diinagdee waliigalaa fi hirmaannaa seektara dhuunfaa bal’isuuf, invastaroota damecharratti bobba’uu barbaadan afeereera.

Damecha ceesisuufis invastaroota biyyaa keessa fi alaa, warshaalee mootummaan hogganaman saddeet irratti akka hirmaataan waamichaa dhiyeesseera.

Warshaaleen kunneenis warshaa sukkaaraa Oomoo Kurraz lakkoofsa 1, 2, 3, fi 5, Arjoo Dhidheessaa, Kasam, Xaanaa Balasii fi Tandaahoo ta’uun beekameera.

Kunis dhiyeessii biyyaa keessa sukkaaraa guutuu fi sukkaaraa alaa bituuf sharafa Ityoophiyaan baastu kan hambisuu ta’uu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment