Warshaa Sukkaaraa Balas baatii 1 keessatti gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jira – Korporeeshiniin Sukkaaraa

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) – Warshaa Sukkaaraa Balas waggaatti oomisha kuntaala miiliyoona 3 oomishuu danda’u baatii 1 keessatti gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Korporeeshiniin Sukkaaraa Ityoophiyaa beeksiise.
Warshaan kun waggaa 7 dura Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 35 ijaarsi isaa eegalmuus yeroo jedhame keessatti gara hojiitti galchuun hin danda’amne jedhame.
Korporeeshiniin Injiinariing Sibiilota Ityoophiyaa hojii ijaarsa isaa gaggeessaa turus sadarkaa gadi ta’uu isaan gara Sukkaara Oomishuutti galuu hin dandeenye jedhan Hojii Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinichaa obbo Wayyoo Roobaan.
Yeroo sanitti ijaarsi isaanii % 65 irra ga’e jedhamus % 35 ta’ee argameera jedhan.
Sababa kanaan dhaabbanni ijaarsaa Chaayinaa waliigaltee haaraan hojii eegaluu ibsaniiru.
Dhaabbatichi waggaa 1 keessatti ijaarsa isaa xummuruun gara hojiitti galuuf yaaddamus sababa weerara vaayrasii koroonaan yeroo jedhame keessatti xummuruuf gufuu ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa ijaarsi warshaan kanaa % 87.7 irra ga’uu obbo Waayyoon dubbataniiru.
Warshichi baatii 1 keessatti gara oomishaa ni eegala jedhan.
Warshichi humna guutuun yeroo hojiitti gale waggaatti sukkaara kuntaala miiliyoona 3 ni oomisha jedhameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment