Warshaa daabboo Shaggar gara Oomishaatti deebisuuf adeemsarra jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Warshaa Daabboo Shaggar gara Oomishaatti deebisuuf adeemsarra jiraachuu Midirook Invastimanti Giruuppi beeksise.

Warshichi erga oomisha dhaabee baatiiwwan lama lakkoofsiseera.

Sababa hanqina dhiyeessii Qamadiin walqabatee warshichi oomisha dhaabuu isaa fi rakkicha furuuf mootummaa fi dhiyeessitoota dhuunfaa waliin dubbatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii dhaabbatichaa Sa’iid Mahaammad dubbataniiru.

Dhiyeessitoota Qamadiuf caalbaasii baasuu. Oomisha Daabboo eegaluuf adeemsarra jiraachuu eeraniiru.

Fiqiramikaa’eel Zayyadaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment