Warqee/Qaachoon yeroo jalqabaaf Ingliz Landan keessatti madaqfame kunda’e

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Biqilaan Warqee/Qaachoon Ityoophiyaa keessatti bal’inaan beekamu yeroo jalqabatiif Ingiliz Magaalaa Landanitti kan argamu Giddugalaa Biqiltuu Kew keessatti madaqfamuun nyaataaf ga’uu (Kunda’uu) eerame.

Wayitaa jijjiiramni qilleensaa mudatutti ‘biqilaa lubbuu baraaruu danda’uu’ jechuun ogeeyyiin abdii qaban ibsa jiru.

Laandanitti Dursaan Garee Qorannoo Giddugalaa Biqiltuu Kew Dooktar Jeemsi Booreel akka jedhanitti Ityoophiyaatti madda soorata qonnaan bultoota miiliyoonatti lakkaa’aman ta’uu eeruun, waa’ee Biqilaa Warqee Ityoophiyaan alatti namoonni hedduuun wallaaluun qaanessaadha jedha.

Biqilaan Warqee, midhaan kanneen biroorraa amala addaan qabu yoo ta’u, yeroo dheeraa turuu kan danda’u, kunis qonnaan bultoonni hanqina nyaataa ofirraa ittisuuf waan itti fayyadamaniif “midhaan beela ittisu” jedhanii waamus jedhameera.

Biqilaan Warqeerraa qoccoon, bullaan akka irraa hojjetamuu fi hundeen isaas affeelamee nyaataaf ooluu kan danda’uudha.

Akkasuma biqiltuuwwan biroo akka bunaa fi misingaarraa ilbiisota kan ittisuu, akkasumas gabbina biyyeef gumaacha akka qabu ibsameera.

Akka qorannoon Giddugala Biqiltuu Kew irraa argame agarsiisutti, qonnaan bultoonni Ityoophiyaa hongee dandamachuuf biqilaa Warqee dhaabuu filatu.

Biqilaan kun garuu dandeettii hongee dandamachuu fi sorataaf ooluu olaanaa utuu qabuu Ityoophiyaa qofa keessatti kan biqilu ta’uun eerameera.

Supparvaayizarri Giddugala Qorannoo Biqiltuu Kew Deeviid Kuuk akka jedhanitti, uumamaa fi lubbu qabeeyyii addunyaa eeguuf biqilaa Warqee kunuunsuun barbaachisa ta’uu Dailymail gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment